page 40 Afaan Oromoo salphaatti kan Qubee hin beeknef, kan dogongorame sirreessa , kan beettan itti dabala…
Simple way to understand and visualise the Oromo writing “Qubee” for adult pro qube beginners !
“g a r a a” “g a a r a” “g a r a “ “b a a d u” “b a d u u” “g a d d i i “g a d i” “t o k k u m a” “t o k k u m m a a”
(belly) (mountain) (towards) (yoghurt) ( to get lost) (sorrow) (down) (equal , the same) ” (unity – being one)
“b a r r u u” (palm) “b a r u u” (to learn)
Words in afaan Oromo that look alike but sound different with different meanings!
gatii (price ) à gati ( throw away) // qaruu ( to sharpen) à qarruu ( shaved ladies head) - > qaarruu (cheek) // adda (forhead) à aadaa ( culture ) //
tulluu (moumtain ) à tuuluu ( to pile ) // qotto ( axe ) à qotuu ( to cultivate ) // amma ( now ) à hamaa ( bad – strong ) //
sammuu ( brain) à saamu ( to lute) // gurra ( ears) à guura ( to gather-collect plrl verb ) // afuu ( to make bed –table ) à hafuu ( stay back ) //
taa’u ( to sit) à ta’u ( to become) // kaa’u (to put ) à ka’u (to get up start) // seena ( enter) à seenaa ( history) // jarraa ( century) à jara ( these) //
maluma ( what is it) à maluma ( solution) à malummaa ( what kind ) // maraa ( a round ) à marra (… times ) // malaa ( pus ) à mala ( method)
qaata ( just about) à qaataa (trigger) // // dhoosu ( to explode) à dhossuu ( to hide) // daaboo ( bread) à daboo ( team work) //
busaa ( malaria) à buusa ( to add – contribute) // dhaabu ( to plant ) à dhabuu ( to lose) // daakuu ( flour ) à daaku ( swim ) or daakuu? (1st person singular question form to swim e.g. ani daakuu ? i.e. shall I swim ? ) // raafuu ( cabbage leaves ) à rafuu ( to sleep) ....>>>>>>
lakkoofsa afaan Oromootti
1. tokko 2. lama 3. sadi 4. afur 5. shan 6.jaha 7.torba 8.saddet 9. sagal 10. kudhan
11, kudhatokko …12. kudhalama à …
20. digdama , 30. soddoma 40. afurtama , 50.shantama , 60 jaatama . 70. torbaatama 80 saddetama 90. sagaltama
100. dibba dhibbatokko … 200. dhibbalama à …
1000 kuma ..kumatokko …...2000 kumalama à
miliyoonii .milliyooniitokko .. à
39 from Oromo Language and Culture Forum
Makmaaksa Oromoo
“ 'Gurbaa garaan hangam si gaha ? ' jennaan,' Anaa irraa haqqise agarte,' je'e.”
Rakkina fuuloo sare'ee; itti kaahan ni nyaatti,irraa baasan ni kaatti.
Bakkisuuf baktii, cal'isuuf dhaltii, mala saree dhaltee duutee.
Qaroomaa harka dhiqatteet, sanuu saretti haqatti.
Diddiga garaa dhufe ilkaan hin dhoowwan.
Keessummaan keessa hin beektu, duuti keessa hin laallattu.
Lagaan bu'uuf aduun dhiite, miicuf qarbatni hin baasu.
Ka arbarraa maal si ha dhiitu, ka gafarsarraa maal si haa arraabu.
Addaaggen hanguma lafarra ejjettu, namarras ejjetti.
Biyya fardi bade, harreetu garmaama.
Namni waa hin ijibbaanne, inninuu kan ijibbaatan.
Fe'aa Rabbii finqilli hin buusu.
Caphu gala, rakkatu fira bara.
Ihihiin dhiiraa keessi middee.
Gowwaa kofalchiisaniit ilkaan lakkaawu.
Bareedinni manaa, asaasara isaati.
“ Argi jedheetin yaa'e, dhagahi jedheetin huurse, yoon nyaadhe cubbuu qabaa!” jedhe bishaan.
Bakka nama dhibde ammaa amma qabatu.
Akaayyin gita qaba, mulluun hiriyaa qabdi.
Dirqiin salphoo hin qabdu.
Dahoon fagoo, dhaamocha hin dhoowartu.
Namni joollee ergate, duukaa ergaa dhaqa.
Galaaf kijibni gaafan gadi.
Nama caphee beekutu, caphaa hidha.
Warra du'a hin beeknef, hagoogguun dharra'a.
Biddeena warra jibbanii nyaatanii,galanii balaqaman.
Xaxaa tollaan, ol fuudhun nama hin dhibdu.
Bara bir'aa, hantuutni gaachana qaba.
Iddaan; qalma xiqqoo.
Kan manaa handaaqqoo qabuuf, alaa gogorriin qabamti.
38 from Oromo Language and Culture Forum
Dhibaayan hunda argeet cufa dhaba.
Kan hanga abbaa abdatan, hanga adeeraa namaaf hin hanqatu.
Maraattun jecha beekti, waan jette garuu hin beektu.
Qara duulanii, fuula hin guuran.
Kana gannaa galaanatti; kan bonaa bubbetti.
Galtee galteet, boonbin gaafatti galti.
Saree mana lamaa nyaattu, waraabessi jiddutti nyaata.
Garaan kan tarsa'e utuu jiruu, darsi kan tarsa'e booya.
Gowwaan gaafa beela'e nyaatee, gaafa deege nagada.
Argaa toleef, goromsi hin mirgisu.
Graan quufu rafa malee, sossobaan hin raffiftu.
Amalli bilbilaa, abbarraa qillisa.
Itti irkisaan, itti uwwisaa hin ta'u.
Jiraan uf hin ijibbaatu.
Dalaganneen hin taatu, nu nyaachisiin malee.
“ utuun koflun gubadhe,” jette akaawwin.
Yommuu beela'aan nyaatu, quufaa mataatu suuka'a.
Biyya goophon baay'atetti, isa ol jedhee deemutu fokkisa.
Ija baasaa halkanii, abbaa qofaatu beeka.( Ija halkanii, abbaatu hanga baase beeka)
Bokkaan lafa nyaaphaatis ni rooba.
Qulqulluun qullaa hin bulu.
Billaachi ufii kan uffatu hin qabuu, dhagaachatti uffisa.
Kormi utaalu, baroochaa hin miidheffatu.
Yoo itti gale gaagura, (itti galu gaagura,) yookaan mukatu mukarra taa'a.
Ijoollen noorii barte, ammaa amma kakaati.
Ganama garatu dida, guyyaa warratu dhoowwata.
Waamichi hamaan, owwaannaa yakka.
Quba caphaa, quba jirutti hidhan.
Silaa fayyaa wayyaa, erga caphxee akkana wayya.
“ Hangan qabutu kana,” jette baakkun.
Bakka hin rafnetti, hin mugan.
37 from Oromo Language and Culture Forum
Kanniisa nama beekutu, qubsiisa.
Dhaltee hin beektuu, dhalaaf jarjarti.
Sin gonfa jennaan, nan mari'adha jette.
Garaan qurxii hin beekne, diina abbaati.
Kan mi'a nyaate hantuuta, raachi garaa guddina duuti.
Qeerransa rakkoo jiru, re'een itti basalagti.
Kakatan cubbuu, soban salphina.
Alagaa wajjiin nyaadhuu, fira keetitti gara galii liqimsi.
Namni gosatti yakke, rooba waaqat sodaata.
Qoonqon bilchina eeggattee, qabbana (eeggachuu) dadhabde.
Ijji fardaa luugama.
Nama jaal'atan bakka raffisan hin dhaban.
Kurupheen hojjaa ufitti dorrobdi (hanga humnaat dorrobdi).
Ka hora hin gahin, harotti machoofti.
Faanti gaalaa keessaa wajaga qabdi.
Horataa waaqni hin deedhu.
Cubbuu cubbuu,eessa dhaxxa? Gara itti na ergan;
yoo dhabde hoo? Abbaa na ergettin deebi'a jette cubbuun.
Ballaan walitti booyu, imimmaan wal hin argu.
Keessummattanii keessa hin baran.
Tureef dammi hin hadhaawu.
Qalbii hir'uu, hamajaajii abbaa.
Gabayaan nama dhaba hin iyyitu, fira dhaba iyyiti malee.
“ Yaa gara qalbiin koo jiru,” jennaan, jaartin xiqqoon owwaatte.
An kanan ure cuqqaalaa, inni kan ure haa cuqqaaluu
jette jaartin midhaan dhiiftee lootii gurraa bitattee.
Farda hidhatan machiin tolti.
Dhossanii elmaniit, addaata'aa huqqata.
Waraabessi kophee nyaate, faanan hin ejjetu.
Waa sadii hambaa hin qabdu; - dubbii gowwaa - qorii don'aa - sabaree heexoo
Waa dachirra ulfaataa--- dubbii gowwaa
36 from Oromo Language and Culture Forum
waa dhagarra jabaataa--- gorsa lammii
waa qilleensarra saffisaa--- qalbii gamnaa waa guyyarra ifaa--- dhugaa
Nama bishaan aanan godhatu--- nama qabeenya hundee hin qabne warra godhatu.
Nama balaa warra godhatu--- nama niitii sidaamaa/amaaraa fuudhu.
Nama nagaa lammii godhatu--- nama amba koonnisu.
======>>>>Guduunfaan: Rukeessa Boruu.
Page 35 Daniel T Hora 20 January at 19:08
waa 4 To'achuu qabda
1.arraba kee
2.amala kee
3.fedhii kee
4.lubbuu tehee
waa 4 ta'uf yaali
1.amanamaa manaa
2.beeka
3.arjaa
4.qajeelaa
waa 6 dhisuu qabda
1.abdii kutachuu
2.badii hojachuu
3.nama tuffachuu
4.hamaa
5.kijibaa
6.hannaa
Page 34 AL Hijaab Xaharul Qalb 10 January at 17:56
Gorsi dawaa sammuuti
☞Gorsa namaa hin tuffatin iddootti si gargaaru qabaatii.
☞Anatu beekaa hin baay'isin kan si caala beeku baay'eetu jiraatii.
☞HIyyeessa hin tuffatin boru isatu nama ta'aatii
☞Lolaaf hin ariifatin miidhamuu dandeessaatii
☞Karaa hin beekneerra hin deemin tasa baduu dandeessaatii
☞Nama hammeenna kee odeessu hin jibbin boru isumatu gaarummaa kee haasawaatii
☞Kankoo qofti haa caalu hin jedhin dhagggeeffataa dhabdaatii
☞Seenaa hin dagatin dhaloota dhufutti dabarsitaatii
☞Beeka jettee hin taa'in waan ati hin beekne baay'eetu jiraatii
☞Balleessuuf hin fiigin kan si balleessutti baataatii
☞Sirriidha jettee waanuma hunda hin haasawin dogoggora qabaachuu danda'aatii
☞Abdii hin kutatin turullee siif darbaatii
☞Jallina namatti hin yaadin jallaa taatee haftaatii
☞Hojii hin tuffatatin hiyyoomtee haftaatii
☞Qabeenyaan hin boonaan bor ni dhumtitii
☞Namni ati jaalattu yoo dugda sitti gale ariifattee hammeennasaa hin haasa'in yommuu walitti deebitan gaabbitaatii
☞Waan na jalaa calliseef na jibbe hin jedhin tarii haalli inni keessa jiru gaarii mitiitii!!!!!!!
Waan dubbiftaniif galanni keessan
★Bakka bu'ee hin banne
★Bakka kufee hin cabne
★Bakka hattuun hin hanne
★Bakka turee hin shamne
isiniif kaahee jira #Horaa_bulaa
Page 33 2016-01-12 19:30 The Oromia Daily POST 28 December 2014 ·
Meeqan Keenyatu Kana Beeka?
1. FINFINNEE ………………….Addis Ababa
2. AGAMSA…………………….Markaatoo
3. BADDAA EJERSA……….….Ras Kaasaa Sefer
4. BAAROO KORMAA…….…..Xuqur Ambassa
5. BIRBIRSA GOOROO…….….Piyaassa
6. CAFFEE TUMAA…………...Siddist kiiloo
7. CAFFEE AANNANII………...Meksiikoo
8. CALCALLI……………….….Saar-bet
9. DAALATTII……………….…Araat kiiloo
10. DILDILA DUREE………..…Inxooxxoo
11. GARBII……………………...Senga-taraa
12. GOLBOO……………………Ceerqoos
13. GULALLEE BADHAASOO..Qeeraa
14. HURUFA ROOBII…………...Jaal-Meedaa
15. QASSAA……………………..Kaasaanchis
16. ADOOLA…………………….Kibre-Mengist
17. BULEE HORAA……………..Hagere Maariyaam
18. EJEREE………………………Addisaalem
19. ROOBII………………………Nifaas Silk
20. ADAAMAA………………….Naaziret
21. CIROO……………………….Aseb teferii
22. BISHOOFTUU………………Debre zeeyit
Page 32 2016-01-09 00:150 Obi Kenasa
DUBBISUUN DHOORKADHA kan Obi Kenasa 30 December 2015 at 09:41
1.Gad aantummaan yoo sitti dhaga'ame muka yaabbadhu.
2.Nama sammuu madooshaa qabutti namni hundinu mismaara fakkaata.
3.Tokko jaallachuun dirqama, lama jaallachuun daldala, sadii jaallachuun garuu kontrobaandii dha.
4.Imaltoonni walitti sissiqaa adaraa abbayyaan qabnaa.
5.Shamarran herrega yoo baran malee yoo kaffalan agarree hin beknu.
6.Dhalaa fi loteeriin kan isaan hin barbaanneef malee kan isaan barbaaduuf hin ba'an.
7.Sammuun qulqulluu boraatii gaarii dha.
8.Dhagaan ganama si dha'e guyyaa dabalee si dhoofnaan situ dhagaa dha.
9.Mana hiyyeessaatii xiqsii mana sooressaatii xibsiin hin dhibamu.
10.Gadi jette yoo hojjette wanti hundinuu gad jedhee sitti mul'ata.
11.Hojjettee kan hin bashannanne harree qofa.
12.Jireenyii fi taaksiin yoo hobsan malee dafee hin guutu.
13.Akka garbichaatti yoo hojjette akka mootiitti jiraatta.
14.Jiraachuun gaarii dha, qarshii nu lakkoofsisuu baatus guyyaa nu lakkoofsiseera.
15.Walitti sissiqaa taaksii keessatti wal baree baay'etu wal fuudhee.
16.Jiraachuun kee eenyuunuu yoo hin fayyadne du'uun kee eenyuunuu hin miidhu.
Page 31 2016-01-06 00:30 Oromia Biyyakoo
Mammaaksa Afaan Oromoo
Argaa tolaniif algaa hin Koran
Badaa nyaataniif bara hin bayan"Sansaaranni du'a nama hin oolchu
Bagan kufes bagan ka'esi gaafan kufeti,kan nakasuf hordaa fide dhufefi,kan albe fide dhufen adda bafadhe jette sa'i dullatin laqi kessati kufte.
Bakka dhiiganii hin fiigan jette tan abbaa warraa jalqabaa jaalatte
Bara quufaa lukkutu dhuufa
Bara tole,buqqeen dhagaa cabsa
Barcuuma ulfinaa abaatu of jalaa buta
Biyya fardi hin jire harreedhaan garmaamu.
Dhibeen na ajeesuu hin jirre hamaa fi tolaa kiyya addaan naaf baasti
Dhibeen na ajeesuu hin jirre tolaaf hamaa koo addaan naa baafti
Dhugaa fi jabbiin galgala galti
Harka dhiqatan garaan jaal’ata, dhugaa dubbatan rabbi jaal’ata
Jabbiin harree waliin ooltu dhuufuu barti
Kan arjaan kenne dondha garaan dadhaba.
Kan qaawwa qabdu qaaqa hin dhabdu..
Mana onaa mannaa haadha warraa ontuu wayya!
Muka biyya jiruun mana ijaaran.
Nama bara baasantu manaa nama baasa
Nama dhadhaa afaan kaayantu dhagaa afaan nama kaa'a
Nama jaalatan irraa waan jibbaa hin dhaban
Ni bulaaf sareen udaaniin bulti
Ol kaa'aan malee ol ka'anii hin fuudhan
Osoo beeku hubaan wajjiin jete sareen
Qaroon qaroo sobbe gadoo dabalata
Quuqaa cinaachaa kan afuu miti kan rafutu arga
Quuqaa siree ka afu Osoo hin ta'in kan irra rafutu arga
Raachi hanga namaa hin beektu fuulatti nama utaalti
Sa’a abbaan gaafa cabse ormi ija jaamsa..
Sanyii ibiddaa daaratuu nama guba
Sareen leencaaf guddisan jeedala dheesiti
Soba dubbatanii namatti dhiyaachuu mannaa dhugaa dubbatanii namarraa fagaachuu woyya.
Tola hin tolan quufan abbaa galchan
Utubaan hanga dhiibaniif hanga dhiisan qaba
Waan qabaniin cidha dhaqan
Walii qajeelan rabbiin qajeelan
Waraabbessi waan halkan nama godhe beekaa guyyaa Nama dheessa.
DAMEEN HORTEE OROMOO LAMA (2)
Boorana / Baarentuu
1 Boorana
Booranan Ilmaan 12 dhale
Wallagga
Callabba
Goree
Goofaa
Sidaamoo
Arii
Dacee
Garrii
Guraa
Giriirraa
Naayroobii
Gujii
Gujiin 3 dhale
Hookkuu
Uraagaa
Maatii
Hookkuun 7 dhale
Galalcha
Oborraa .
Michlle
Heeraa
Bundhituu
Kinnoo
Baallaa
Uraagaan 6 dhale
Goolloo
Hallaa'oo
Agantuu
Daraartuu
Sarboortuu
Waajituu
Maatiin 3 dhale
Hirqaantuu
Linsoolee
Page 30 2015-11-27 01:30 Oromia Biyyakoo
Page 29 2015-11-27 01:30 Oromia Biyyakoo
2 Bareentuu
Bareentuun Ilmaan 5 dhale
Dhummuungaa
Murawwaa
Karrayyuu
Hunbanna
Qalloo
Dhummuungaan 3 dhale
Arsii
Asoosaa
Hawaasaa
Murawwaan 1 dhale
Ituudha jedhama
Ituun 10 dhale
Waatee
Gaamo
Baayee
Galaan
Addaayyo
Baabbo
Waaree
Algaa
Gaaddullaa
Elellee
Arsiin 2 dhale
Sikkoo
Mandoo
Sikkoon 5 dhale
Bullaalla
Wucaale
Wooji
Jaawwi
Ilaannii
Mandoon 7dhale
Raayituu (Raa'idoo)
Hawaxxuu
Karaara
Meettaa
Arroojjii
Garjeeda
Karrayyuun 12 dhale
Dullachaa
Abbichuu
Gonbichuu
Sayyuu
Oboo
Oborii
Jiillee
Bullaalla
Mucee
Galaan
Salaallee
Wallo
Hunbannaan 1 dhale
Anniyya jedhama
Anniyya jedhama 7 dhale
Malkaa
Baabboo
Dinbii
Baaduu
Muci
Naannaa'a
Kudheedhee
Qalloo 4 dhale
Ala
Daga
Oborraa
Baabbile
Alan 12 dhale
Abbayi
Nuunnu
Kaaku
Buubbu
Diiramu
Abbaadho
Goollo
Eeri
Utayyu
Galaan
Meettaa
Arroojji
Dagan 3 dhale
Noolee
Jaarsoo
Huume
Oborraan 3 dhale
Akkichu
Bilil
Dooraanii
Akkichuu 2 dhale
Dhaayi
Biliidaa
Dhaayin 3 dhale
Dukkoo
Kooyee
Allaatayya
Billiidaan 3 dhale
Godaanaa
Busaa
Allaa
Page 28 2015-11-10 22:30 Oromia Biyyakoo
Page 27 2015-11-10 22:00 Oromia Biyyakoo
Page 26 2015-11-10 19:00 Oromia Biyyakoo
Page 25 2015-11-10 19:00 Oromia Biyyakoo
Page 24 2015-10-23 17:00 Oromia Biyyakoo
Page 23
Page 21
Page 20
Page 19
Page 14
Page 13
Page 11
Page 10
Page 6
Page 4
ppage3Page 1
Page 2
Page 1 of 40
Words in afaan Oromo that look alike but sound different with different meanings!
gatii (price ) à gati ( throw away) // qaruu ( to sharpen) à qarruu ( shaved ladies head) // adda (forhead) à aadaa ( culture ) //
tulluu (moumtain ) à tuuluu ( to pile ) // qotto ( axe ) à qotuu ( to cultivate ) // amma ( now ) à hamaa ( bad – strong ) //
sammuu ( brain) à saamu ( to lute) // gurra ( ears) à guura ( to gather-collect plrl verb ) // afuu ( to make bed –table ) à hafuu ( stay back ) //
taa’u ( to sit) à ta’u ( to become) // kaa’u (to put ) à ka’u (to get up start) // seena ( enter) à seenaa ( history) // jarraa ( century) à jara ( these) //
maluma ( what is it) à maluma ( solution) à malummaa ( what kind ) // maraa ( a round ) à marra (… times ) // malaa ( pus ) à mala ( method)
qaata ( just about) à qaataa (trigger) // // dhoosu ( to explode) à dhossuu ( to hide) // daaboo ( bread) à daboo ( team work) //
busaa ( malaria) à buusa ( to add – contribute) // dhaabu ( to plant ) à dhabuu ( to lose) // daakuu ( flour ) à daaku ( swim ) or daakuu? (1st person singular question form to swim e.g. ani daakuu ? i.e. shall I swim ? ) // raafuu ( cabbage leaves ) à rafuu ( to sleep) ....>>>>>>
lakkoofsa afaan Oromootti
1. tokko 2. lama 3. sadi 4. afur 5. shan 6.jaha 7.torba 8.saddet 9. sagal 10. kudhan
11, kudhatokko …12. kudhalama à …
20. digdama , 30. soddoma 40. afurtama , 50.shantama , 60 jaatama . 70. torbaatama 80 saddetama 90. sagaltama
100. dibba dhibbatokko … 200. dhibbalama à …
1000 kuma ..kumatokko …...2000 kumalama à
1.000.000 miliyoonii .milliyooniitokko .. à
Kan afaanif qubee Oromoo ilaaluf ilaachissu / kan waa itti dabaluu barbaaddan / kan dogoggora argitan sirreeffamu barbaachisu waanuma ta’ef nutti hima nu hubachiisa jenne isin kadhanna … Help us on anything to improve our page and make it easier.
G A L A T O O M A THANK YOU